Biiroon Daandiwwanii fi Loojistiiksii Oromiyaa Maashinarota hojii suphaa daandiif oolan birrii miliyoona 200 oliin bitee tajaajilaaf qopheesse!

  • 04 Feb 2025
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Amajjii 19,2017, Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bittaa maashinarootaa gaggeesse. Maashinarootni kun baajata fandii daandii federaalaatiin kan bitaman yoo ta'u, hojii suphaa daandii saffisaan, qulqullinaa fi baay'inaan hojjachuuf gumaacha guddaa kan qabu ta'uu hooggantootni Dameewwan Suphaa carraa maashinaroota argachuu argatan himaniiru. Gama kaaniin maashinaroota bituu qofti galma waan hin taneef ogeeyyiin (operators) maashinoota kanaan hojjatan yeroo yeroon hordofuu, kunuunsuu fi hawaasnis maashinarootni kun gatii qaaliin kan bitaman ta'uu hubachuun qabeenya isaanii ta'uu hubachuun bakka hojiif deeman maratti eegumsa taasisuufiin murteessaa ta'uu isaa Hogganaa Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Damee Bulchiinsa Daandii Injiinar Mohaammad Nuuraa ibsaniiru.

Maashinaroonni bitaman gosa loodaraa fi roller kudhan kudhan waliigalaa 20, meeshaalee jijjiirraa waliin birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 19n kan bitaman ta'uunis himame.

Maashinarootni loodarii ogeyyii hojichaa hojjataniin kan sakatta'iinsi taasifameef ta'uu ibsuun, ammaals maashinara bottee bishaanii bituuf biirichi adeemsa irra kan jiru ta'uunis ibsameera.

Maashinarootni kun Dameewwan suphaa kudhaniif; Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Gujii Lixaa, H/Bahaa, H//Lixaa, Jimmaa, Sh/Lixaa, W/Bahaa, Qeellam Wallaggaaf dabarfamuun isaanii ibsamee jira

Hooggantoota Dameewwaniif ofeeggannoo barbaachisuu fi haala itti fayyadama maashinarootaa irratti ibsi kennamee jira.

Rollers oppireetaroota maashina kanaa irratti ramadamaniin sakkata'amee Dameewwan roller hin qabneef yeroo gabaaba keessatti kan qoodamuudha.

Maashinarootni kun hojii daandii saffisiisuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun cinaatti baasii kiraa maashinaarotaa hambisuu ,yeroo qusachuuf shoora gudda kan qabuudha!

Kunuunsa,Eegumsaa, Sarviisiifi Suphaa Itti Fufiinsa Qabuu Maashinaroota Lafee Dugdaa Suphaa Daandiif!