Baasii xiiqaan yeroo gabaabaa keessatti

  • 17 Feb 2025
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Bu'aa ijaarsa riqaalee rarra'aan naannoo Oromiyaa keessatti argamee fi fedhii hawaasa hubachuun hojiin ijaarsa riqaalee rarra'aa imaammataa, tarsiimoo, dambiifi Qajeelfama misooma daandii fi gahee hojii BDLO keessatti gale itti fufinsaan akka irratti karoorfamee hojjatamuuf hojiin qorannoo taasisuun ragaa qindeessuu hojjatama jira.

Bu"uurummaa kanaan hara'a bakka hoggantuun Biiroo Daandiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Injinar Heelen Taammiruu, Dhaabbata Helvetas Itoophiyaatti gaggeessaan piroojaktii riqaalee rarra’aa damee naannoo Oromiyaafi Sumaalee Injinar Hundee Taammanaa fi qaamoleen ilaalatuu jiranitti mariin taasifamee jira.

Hojiin rakkoo hawaasa keenyaa furuun fayyadamumma hawaasa mirkanneessuu mara qorachuun hojii idileessuu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa xiyyeeffannoon kan hojjatamuu ta'u ibsuun milkaa'ina hojii kanaaf kanneen hirmatan mara galateeffachaa keessumaayyuu hojii ijaarsa riqaalee rarra'aa milkeessuufi itti fufiinsa akka qabatuuf tattaffii Dhaabbatni Helvetas Itiyoophiyaa taasisuu kan tumsan ta'u Injinar Heelen ibsan jiru.

Yeroo gababaa keessatti riqaalee rarra’aan deemsa namaa, beeyladaa fi motorsaayikilii tiif oolu 25 xumuramanii tajaajilaaf banaa ta'uun ni yaadatama.Ammas riqaalee rarra’aa 28 karoorfame hojjirraa jiru.

Riqaalee ijaaruun lubbuu baraaruudha!