Bu'uraalee misoomaa guddina diinagdee saffisiisuun jiruufi jireenya uummata jijjiiran keessaa inni ijoon misooma DAANDIITTI!
Haa tumsnu!
Ergaa hooggansa Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti!
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti toorri daandii Dirree Godoo-Shanan Km 35 ta'u yeroo ammaa Damee Suphaa Daandii Shawaa Kibba Lixaan hojjetamaa akka jiru kominikeeshiniin aanaa Noonnoo gabaasee jira.
Ogeeyyiin hojii dandichaa yeroo qabameef keessatti qulqullina barbaaddamuun hojjetanii keessaa bahuuf kan hojjechaa jiran ta'uu himamee jira.
Hooggansi sadarkaa gara garaa aanaa Noonnoo bu’uuraalee misoomaa kanneen biroo babal’isuuf misoomni daandii baay'ee murteessaa waan ta'eef bara 2017 rakkoo daandii gandootni aanichaa qabu furuuf baajata mootummaa fi hirmaannaa qaaamolee hawaasaa garaagaraatiin hojiin hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta'u ibsuun bu'uraalee misoomaa guddina diinagdee saffisiisuun jiruufi jireenya uummata jijjiiran keessaa inni ijoon misooma daandii ta'u hubachuun suphaan daandii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru milkaa'ina hojichaaf hawaasni tumsuu akka qabu waamicha dhiyeessanii jiru.
Eeyyen hojii suphaafi ijaarsa pirojaketoota tumsuun, jajjabeessuun qulqullinaa, saffisaanfi baay'inaan hojjachuuf shoora olaanaa qaba. Haa Tumsinu!