Daandiin Bu'ura Bu'uuraalee Misoomaa Hundaati
Bu'aan sakkatinsaa hojiirraa olmaa seerootaa BDLO Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaan taasifamee bakka hooggansii, miseensotni Boordii fi gorsitoota fandii Daandii, qooda fudhattootni fi dhimmamtootni hojiiiwwan BDLO jiranitti dhiyaachuun irratti mar'atamee.
Kaayyoon qorannoo seerota bahaan hojirraa olchuun dantaa uummata kabachisuuf, maandeettii manneen hojii qixaa barbaadamuun akka rawwatamuuf ta'u hoogganaan BAAWO obbo Guyyoo Waariyoo ibsan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna ijaaraa jiru keessatti utubaan cimaan seera baasuufi seerri bahe hojiirra oolee fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu qaba jedhan.
BDLO seerotaa mana hojichaa ilaalchisuun bahee hojirraa olchuuf tattaffii cimaa taasisaa kan jiru ta'uu ibsuun bu"aawwan sakkata'iinsa hojiirraa olmaa seerootaa Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa BAAWOn dhiyaateen hanqinoota foyyeessuuf, ciminoota itti fufsiisuufi BDLO kuttannoon kan hojjatuu ta'uu ibsuun keessumayyuu hojiiwwan fandii daandii irratti qooda fudhattootni fi dhimmamtootni maandeettii hojii kennameef karaa guutuu ta'een akka bahattan hoggantuun BDLO Injiiner Helen Taammiruu dhaman.
Daandiin sochii hawaas- dinagdee siyaasa keessaatti hidda dhiigaa misoomaa waan ta'eef hojii ijaarsaa fi suphaa piroojektoota caasaan bulchiinsaa sadarkaan hanga gandaatti jiran akka tumsaniif xiyyeeffannoon kan hojjatamuu ta'u Itti Gaafatamaan Waajjira kilaastara misooma magaalaa obbo Mulugeeta G/ Sillaasee himaniiru.Sagantichaa irraatti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisaan Itti Gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Abdulaaziz Daawud hojiirra oolmaa seerootaa fandii daandiwwaniifi hariiroo labsiiwwan biroo wajjin qabu xiinxalamee fooyya'insa barbaachisu taasisuufis ta'ee hojiirra oolmaasaa cimsuuf yaadota galtee argachuufi sakatta'insi kun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Labsiiwwan meeshaa imaammattoota keenya raawwannee rakkina ummata keenyaa ittiin hiiknuudha jedhan.
Labsii fayyadamummaa uummataa akka mirkaneessaniif bahanii galma barbaadame qaqqabuusaa bifa suupparviizyiniifi duub deebii hawaasarraa argannuun , kanammoo qorannoo gaggeessuun madda furmaataa kaa'uun fooyyeffataa deemuun murteessadha jedhan.
Mootummaan hojii misooma fi bulchiinsaa daandiif xiyyeeffannoo kennu ibsuun kutaaleen hawaasaa martii daandii itti fayyadamuuf tumsaa barbaachisuu taasisuu akka qabu Dr. Abdulaaziz ibsan.
Hirmattootnis hojirraa olmaa seeroota mana hojjichaa ilaalchisee gaaffii fi yaada qaban kaassuun mariin gaggeeffamee deeggarsaa fi qindoomini Itti fufiinsaa qabu hojirraa olmaa seeroota BDLOf murteessaa ta'uun ibsame jira. Mani hojichaas angoo fi gahee hojii keennameef hordoffee hojirraa olchuun fayyadamtumaa uummataaf cimee akka hojjachuu akka qabu ibsameera.
Seerootni hojiiwwan Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hirmannaa lammiilee Keenya hundaan milka'aa!
Daandii Mijaa'aa fi Bu'uuraalee Geejjibaa Qindaawaa Lammiilee Keenya Hundaaf!