Qindoomina, Qulqullinaa fi Ariitiin Hojjachuun Hiree Uummata Keenyaaf Argame ni Mirkaneessina!
Waltajjii hubannoo uumuu, gamaggamaa fi marii raawwii hojii Ijaarsa fi suphaa piroojektoota daandii sagantaa “RCFSP” caasaafi qooda fudhattoota Aanaalee f waliin gaggeeffamee jira.
Sagantaa kanaa milkeessuuf qindoominaan hojjachuun dirqama ta'uunis himame.
Hooggansii,qooda fudhattootni fi dhimmamtootnfi sadarkaa aanaalee hojii kanaa miira abbummaafi kuttannoodhan. Deeggarsaa fi hordooffii taasisuun akka barbaachisuu hoggantuun BDLO Injiiner Helen Taammiruu himan.
Haala waliigalaa sagantaa RCFSP, raawwii hojii bara 2017 fi xiyyeeffannoo karooraa hojii kan dhiyeessan manajarri pirojektii Sagantaa RCFSP fayyadamuummaa uummata mirkaneessuuf koreen
maandeettii hojii kennameef karaa guutuu ta'een bahachuun dirqama ta'u ibsan.
Akkaataa amala hojii kanaan karoora saganticha milkeessuuf qamoolee dhimmi ilaalatuu fi hawaasaa waliin walhubannaa cimaan hojjachuun fi hojiiwwan ijaarsa fi suphaa daandii
kutaalee hawaasa hunda birratti xiyyeeffannoo argachuu akka qabu I/A/H/Biiroofi Gaggeessan Damee Misoomaa Daandii Injinar Caalaa Abdii Ayyalaa ibsan.
Qabeenya umamaa (biyyoo filatamaa, cirrachaa) naannoo hojii hojiiwwan pirojektootaa RCFSPf olaan marii caasaa sadarkaan jiruu fi hawaasaan qopha'uu akka qabuus ibsameera.
Sagantaa Walitti Hidhamiinsa Daandii Baadiyya Milkaa’ina Wabii Nyaataatiif "RCFS" hojiiwwan gurguddoo
Suphaa Daandiiwwan Baadiyyaa. (Rural Road Maintenance)
Ijaarsa Daandiiwwan Baadiyyaa Haaraa
(Construction of New Rural Roads)
Ijaarsa Riqaalee Rarra'aa fi Approach Roads (Trail Bridges and Approach Roads)
Ijaarsa Istiraakcharoota Addaa (Construction of Special Structures) aanaalee 35 keessatti
Kan hojjatamuu ta"uun ni beekama.
Deeggarsaa fi Qindoomina Itti Fufiinsa Qabu Hojiiwwan Sagantaa “RCFSP”tiif!