Raawwii Sassaabbii Fandii Daandii Naannoo
Gamaaggama Hojii Suphaa Fandii Daandii Naannoo fi Sassaabbii Fandii Daandii Naannoo hanga kurmaana 3ffaa jiru guyyaa har'aa Karaa Online Godinaalee wajjiin geggeessineen, waggaa irraa raawwiin waliigalaa Qarshii Miliyoona 933.1 (92.68%) kan raawwatame yoo ta'u, Godinaaleen sassaabbii Fandii irratti raawwii daran ol'aanaafi ol'aanaa raawwatan wal duraa duuban:
1. Godina Jimmaa
2. Godina Arsii
3. Godina Shawaa Lixaa
4. Godina Qeellam Wallaggaa
5. Godina Arsii Lixaa
6. Godina Shawaa Bahaafi
7. Godina Shawaa kibba Lixaa yoo ta'an,
Godinaaleen raawwii giddu galeessaafi gadi aanaa galmeessan immoo yeroo hafe keessatti qindoomina Hooggansa Godinaa,Aanaafi Boordii Gorsituu Fandii Daandii sadarkaan jiran waliin ta'uun hojii harca'e duguugdanii akka raawwatan irratti waliif gallee jirra.

info@orlb.gov.et 

