Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa raawwii hojii ji'oota 9 bakka hojjattoonni wajjira ol'aanaa marti jiranitti qorate.
Waltajjii gamaaggama raawwii hojii ji'oota 9tiin, karoorri qabame hangan akka milkaa'efi ciminoonni fi hanqinoonni mul'atan ilaalamanii jiru. Ji'oota hafan kana keessatti hojiiwwan hafan karaa guutuu ta'een milkeessuuf kallattiin kaayamee jira.
Keessumaayyuu raawwiin godinaalee fi aanaalee akkaataa karooraatiin akka milkaa'uuf keessumaayyuu, mahandisootni wajjiraalee ol'aanaa irraa godinaalee akka deeggaraniifi hordofaniif ramadaman aantummaa ummataa cimaadhaan hojii hordoffii fi deeggarsaa itti fufiinsaan xiyyeeffannoo kennuufiidhan akka hojjataniif hubachiisti kennameera.
Ergamawwan guguddoo sadii (ijaarsa daandiifi riqaalee, suphaafi ijaarsa bu'uraalee geejibaafi loojistiksii) bara kanatti akka hojjatamaniif karoorfaman milkeessuuf dameewwan suphaa dabalatee caasaan Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga aanaatti jiran otoo ganni hin dhiyaatin yeroon hafe kanatti humna guutuudhaan hojjachuudhaan karoora qabame galmaan gahuuf kutannoo fi qindoominaan hojjachuu akka qaban Hoggantuun Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Injinar Helan Taammiruu waamicha dhiyeessaniiru.
Karoora ijaarsa fi suphaa daandii, riqaalee, bu'uraalee geejibaafi loojistiksii qixa barbaadamuun raawwachuun fayyadamtummaa ummataa mirkaneessuuf shoorri qooda fudhattootafi hawaasa maraa murteessaadha. Kanaafuu kontiraaktaroonni, gorsitootni fi caasaan biiroo keenyaa hanga aanaatti jiru gahee ofii akka bahataniif waamichi dhiyaateera.