Caasaan bulchiinsa sadarkaan jiruu fi hawaasni keenya marti carraawwan misooma guddina biyyaa fi fayyadamtummaa uummataa mirkaneessu si’oominaan simatee hojiirra olchuu akka qabu ibsame!
Eeyyeen! Gamni kan argate nyaachaa kan hafeef boo’a! Bara 2016 Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa (trial bridges) 28 aanaalee naannoo Oromiyaa keessatti hojjachisaa jira. Maddii bajata hojii riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa mootummaa fi dhaabbata Helvetas Swiss Intercorperation yoo ta’u, riqaaleen kunneen kan ijaaraman lageen daandii hin qabne, keessattuu yeroo roobaa fi ganna keessa uummata keenya bahaa gala dhorkan irrattiidha.
Gaggeessaa piroojaktii riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa damee Oromiyaa kan ta’aan Injinar Hundee Taammanaa miseensoota Manajimantii fi Ogeeyyii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa fi wajjiraalee Daandiiwwanii fi Loojistiksii Godinaaleef leenjii hubannoo uumuu tibbana kennanii jiru. Keessattuu ijaarsi riqaalee "trial bridges" kun yeroo roobni hin jirretti ta’uu waan qabuuf akkaataa ariitiidhaan, qulqullinaan, baay’inaafi qindominaan hojjatamuu qaban irratti, muuxannoo biyyoota alaa, biyya keenya fi haala naannoo Oromiyaatiin sochiin jiru waan ta’uu qabus ibsanii jiru. Riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa 28 bara 2016 ijaaruuf qabame kun uummata carraa misoomaa daandii hin arganneef bu’aa guddaa waan qabuuf haarsaa kaffaluun barbaachisu mara kaffaluun kuttannoon hojjachuun yeroo gababaa keessatti wal tumsiine xumuruu qabna jedhan jiru.
Hooggantuun pirojaktoota riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa biyyaa, Itoophiyaa, kan ta’an Adde Tsahaay Tsaggaayee sababa fi birokraasii bay'isuun ijaarsa pirojaktoota harkifachisuun carraa akka biyyaa fi naannootti uummataaf dhufe akka dhorkuutti ykn gubuutti ilaaluun cimnee walooman ijaarsa riqaalee kanneenii xumuruu qabna jedhanii jiru. Carraa argametti yoo fayyadamne bu’aa biroo fi carraa biroos ni argamsiisa jedhu. Kanafuu caasaan sadarkaan jiru cimee hojjachuu qaba.
Yeroon dhabbatee nama hin eeguu kan itti fayyadamu abbaadha. Akkuma kana bajata bara 2016 hoji riqaalee kanaaf dhaabbata kana irraa argame yoo yeroon itti fayyadamne carraadha. Bajata biroos carraa argamsiisuu qaba, yoo garuu sababa baay’isuun osoo itti hin fayyadamnii hafnee akka nama carraa argate ofjalaa gubeeti. Lamaanuu harka keenya keessaa jira jedhu ogeeyyiin dhaabatichaa irraa hojii kanaa irratti ramadaman. Karoora akka biyyatti qabamees milkeessuuf bu’aa akka qabu eeruu!Ijaarsi riqaalee kanaas tumsa casaa sadarkaan jiranii fi hawaasa mara keessummayyuu uummata naannoo pirojaktoota akka barbaaduu ibsan jiru.
Cuufinsaa Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 2ffaa fi leenjii hubannoo uumuu ijaarsa Riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa (trial bridges) kanaa irratti kallattii fi xiyyeeffannoon hojii ijaarsa piroojaktoota fi suphaa daandii kurmanaa 3ffaa hooggantuu Biiroo DaandiiwwaniifiLoojistiksii Injinar Heelan Taammiruu fi I/A/ Biiroofi I/A/Biiroo fi Gag. Damee Misooma Daandii Injinar Kadiir Huseeniin kenname jira. Miseensotni Boordii Fandii Daandii sadarkaa naannoo galiin Fandii Daandiin walitti qabame akkataa labsii “ Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa (Labsii 224/2012, Dambii 223/2013 fi Qajeelfama 01/2014tiin Bahe)”n hojiirra akka oluu murtaa’uu ibsuun hojiiwwan hundu hojimataa fi sirnabulchiinsaa kontiraataa eegee kara itti gaafatamummaa qabuun akka hojjatamu beeksiisan jiru.Dabalataniis hojiiwwan Fandii Daandii Naannoo Oromiyaatiin galii walitti qabuu tooftaalee gara garaan raawwataamu akka qabu kallatiin ta’e jira. Traila brigdes hawaasa carraa misooma hin arganee fayyadama kan taasiisuudha.Kaanafuu hojiiwwan riqaalee deemsa namoota fi beeyladootaa /Traila brigde / akka hojjatamuuf qabamee idileessuu akka milka’uuf kaka’uumsa uumuu,si’eessuu, iftoominnii , itti gaafatamummaa fi amaanaan akka jiraatuuf qindoomina fi kutannoon hojjachuun murteessaa ta’uus ibsamee jira.