Hoggansii fi hojjattoonni BDLO hanga aanaatti jiran marti miira antummaa uummataa qabachuun kenna tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa uummataaf akka kennaniif daandeettii raawwachiisummaa hoggantoota, ogeeyyii fi hojjattoota mara cimsuuf hojjatamaa akka jiru

  • 27 May 2022
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Qabeenyi daandii naannoo Oromiyaa yeroo gara yerootti dabalaa jira.Gituma kanaan fedhiin suphaa daandiis daraan dabala dhufee jira. Fedhii fi tajaajila kenna suphaa waliisimsiisuuf daandeetti raawwachiisummaa hojjattootaa cimsuuf meeshaalee hojii suphaaf barbaachisan guutuu fi qabeenya hojii suphaa qusannaan hojiirra oolchuun murteessadha. Bu'uuruma kanaan BDLO hoggantoota fi ogeeyyii dameewwan suphaa daandii, hojjattoota damee bulchiinsa daandii BDLO si'eessuu , gahoomsuufi sirna kenna tajaajila suphaa fi bulchiinsa qabeenya daandii ammaayyeessuuf leenjii magaalaa Bishooftuutti kennaa jira.

Olmaan haar'aatiin mata duree kenna tajaajilaa fi qaajeelfama madaallii haaraa irratti Daayireektoreetiin qabeenya fi misooma humna nama BDLO Obbo Mangistuu Galaatiin kennamee jira.

Kayyoon leenjii kanaa hojii suphaa daandii karaa ammayyaa ta'een akkataa ariitidhaan, qulqullina, baayyinaan fi karaa baasii qusataa ta'een karoorfamuu, raawwatamuu fi madaallamu irratti kan gaggeeffamu waan ta'eef leenjii kanaan booda bu'aa qabatamaa hojii gochaan mula'tuu ta'u akka qabu hooggantuu BDLO Inj. Helan Taammiruu ibsanii jiru. Itti quufinsa maamila dabaluuf tajaajila si'ataa fi ammaayyaa kennuun dirqama waan ta'eef hooggantoonni fi hojjattoonni leenjii fudhatan hojiirra oolchuun dirqama akka ta'e I/A/Biiroo DLO leenjiicha irratti argaman Inj.Taammanee Taaddasee fi Obbo Abbarraa Abboosee himan jiru. Leenjiin dhimma suphaa daandii walqabatee haala sadarkaa daandiichii irraa jiru,itti qoratamuu,...irratti leenjii technical (theoretical and practical) ni kennama.