Hojjattootni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa haala qabatamaa biyya keenyaa fi gahee akka lammii tokkoo fi akka tajaajilaa hawaasaa tokkootti qaban irratti marii gaggeessaniiru.

  • 08 Nov 2022
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Namni kamiyyuu jireenya mataasaaf akkuma carraaqu, akkuma ofiif tti gaafatamummaa qabaatu, dhimma biyyaafi hawaasa tajaajiluu keessattis gahee fi dirqama ni qabaata. Gama kaaniin namni kamiyyuu biyyaa fi hawaasa waliin jiraatuun ala, qofaa isaatti jireenyi gammachuu ijaarratu hin jiru. Ollaan nagaa bulu ofiifis nagaa bulama. Akkasumas, jijjiiramni nama dhuunfaa jireenya hawaasaa fi biyyaarratti waan bu'uraahuuf gaheen qabaannu dachaa dha. Nageenya biyyaafi naannoo keenyaa keessatti gahee qabnu bahachuun dirqamaa. Dhimmi biyyaa nama hunda ilaallata. Guddinni dhuunfaa ta'e, guddinni biyyaa kan milkaa'uu hawwii fi fedhii qofaan otoo hin taane immoo qindoominaan, walta'iinsaan, kutannoon hojjachuu barbaada. Akka tajaajilaa hawaasaatti immoo fayyadamtummaafi itti quufiinsa uummataa mirkaneessuuf qindoominaan, tattaaffii fi kaka'uumsa qabachuun yeroo yeroon kallattii hundaan of gahoomsanii tajaajila karaa saayinsaawaa ta'een kennuun, qisaasama qabeenyaa fi yeroos xiqqeessuun hojjachuun ni barbaachisa.

Rakkoo kamiiyyuu sodaachuu otoo hin taane gara caarratti jijjiiruunis ni barbaachisa. Uummatni keenya sadarkaa kamiyyuu irra jiru tajaajila barbaada. Seeraan kara iftoominaa qabuun immoo tajaajila kennuun mirga osoo hin taane dirqama. Hooggansiifi hojjatootni haala qabatamaa amala hojii isaanii irratti hundaa'uun kaka'uumsa, kallaqaa mataa ofii itti dabaluun, quuqamaa fi aantummaa uummataa qabaachuun hojjachuunis ni barbaachisa. Hojjataas ta'ee hooggansi haala mijaa'aa kan eggatu osoo hin taane haala mijataa uumuun fayyadamtummaa uummataa mirkaneessuuf haarsaa barbaachisuu tasisuu akka qabu waltajjii marii kana irraatti ibsamee jira. Manni hojii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa, mana hojii piroojaktootni bu'ura bu'uraalee misoomaa ta'an itti gageeffamu waan ta'eef hooggansii fi hojjatootni BDLO naannoo hanga aanaalee jiran ergama kana galmaan gahuuf haarsaa gochuu qaban mara taasisuun quuqamaa fi aantummaa uummataa qabatan waldeeggaruun hojjachuun akka barbaachisu hubatamuu qaba.

Nagaa fi misooma waaraa biyya keenyaaf!!!