Leenjii hojjattoota damee bulchiinsa daandii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hoggantoota fi ogeeyyii Dameewwan suphaa BDLO tiif magaalaa Bishooftuutti kennamaa ture kallatti hojii suphaa daandiiwanii itti aanuu kennuun xumuramee jira

  • 27 May 2022
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Kayyoon leenjii kanaa hojiiwwan suphaa daandiiwwan karaa ammayyaa ta'een hojjachuun fayyadamtumaa uummata mirkaneessuuf. Leenjii "soft ware"/moosajii Sirna bulchiinsaa qabeenya daandii (Roads Asset Management System) yaadanis, gochaanis kennamaa ture. Guyyaa xumura leenjiicha leenjii gochaan (Practical trining) toora daandii Bishooftuu Hiddii irratti gageeffamee jira. "Soft ware" kun hojiirra yoo oole loogiidhaanfi tilmamaan karoorsuu fi hojjachuu ni hambisa.

Hogantootni fi ogeeyyiin leenjii kana fudhataniis"Soft ware" kun hojiiwwan suphaa ragaa qabatamaa lafa jiru irratti hundaa'un karoorsuu hojjachuuf bu'aa guddaa akka qabu kaasuun hojiirra oolchuuf garuu sababa hanqina baajata fi maashinarootaa irraa kan ka'e sodaa qaban kaasanii jiru. I/A/Biiroo DLO fi gageessan Damee bulchiinsaa Daandii Oromiyaa Inj.Taammanee Taaddasee rakkooleen dhiyeessuu ilaalchisee hanga humni mootummaa danda'een guutuuf sochii bal'aan tasiifamaa kan jiru ta'uu ibsuun dameewwan suphaa godinaalee irra jiran qabeenya fi bajaata murta'aa jiru hojii ramadameef qofa irra kutannoodhan akka olchuu qaban ibsanii jiru.

Gahee fi ergamni BDLO bajata ramadeefi hirmaannaa hawaasaa qindeessuun kara iftoomina qabuun fayyadamummaa hawaasaa gama daandii fi bu'uuralee geejjibatiin jiru mirkaneessuudha. Safartuun milkaa'ina hojii BDLO kanaan booda fayyadamtummaafi ittiquufiinsa uummataa qabatamaan mula'tuudha. Fayyadamtummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf immoo karoora hojii gama misooma /ijaarsa/ fi suphaa daandiitiin qabame milkeessuun dirqama ta'a. Qindoominni hoggansa BDLO sadarkaan jiruu, hawaasa fi qaamota dhimmi ilaallatu maraa ni barbaachisa. Hoggansiifi ogeeyyiin leenjii argatan irratti tattaaffii isaanii itti dabaluudhaan tajaajila gama suphaan jiru akka kara sayinsaawaa ta'een rawwachuun rakkoo uummataa furaniif, qisaasama qabeenyaafi yeroo akka to'atanis ka'ee jira.

Raawwii hojii suphaa keessatti bajatni ramadame xiqqatus, isuma ramadameefi maashinaroota jiran karaa tajaajila uummataaf qofa oluun hogganuun itti fayyadamuun dirqama ta'uunis ka'ee jira.Tajaajila uummataa mirkaneessuuf kutannoon hojjachuun akka barbaachisu ibsamee jira. Hirmaattonni leenjichaatis, leenjiichaarratti kallaqaa mataa isaanii dabaluun akka hojiitti hiikan abdii qaban I/A/B fi gag.damee bulchiinsaa Daandii ibsanii jiru.

Ogeeyyiin leenjii kennaa turtaniif qindeessitoonni, milka'ina hojii kanaatiif qaamoleen humna guutuun deeggarsa gootan Galatoomaa!!!

DAANDIIN BU'URA BU'URAALEE MISOOMAATI!