Hoggansii fi hojjattoonni BDLO hanga aanaatti jiran marti miira antummaa uummataa qabachuun kenna tajaajila si'ataa fi dhaqqabamaa uummataaf akka kennaniif daandeettii raawwachiisummaa hoggantoota, ogeeyyii fi hojjattoota mara cimsuuf hojjatamaa akka jiru
Qabeenyi daandii naannoo Oromiyaa yeroo gara yerootti dabalaa jira.Gituma kanaan fedhiin suphaa daandiis daraan dabala dhufee jira. Fedhii fi tajaajila kenna suphaa waliisimsiisuuf daandeetti raawwachiisummaa hojjattootaa cimsuuf meeshaalee hojii suphaaf barbaachisan guutuu fi qabeenya hojii suphaa qusannaan hojiirra oolchuun murteessadha.