Rakkoolee nageenyaa, qaalayinsa jireenyaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, kenna tajaajilaa fi dhimmoota kanneen biroo akka naannoo keenyaatti haala wayitaawaa ta'anii jiran irratti hojjatootni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa mari'atanii jiru.
Bara hojii kana keessatti hojiilee karoorfamanii sababoota adda addaan osoo hin hojjetamin hafan adda baasuufi rakkoolee naannoo keenya qoraa jiran sirreessuuf hojjatamaa kan jiru ta'uun marii kanaan hubatamee jira.Qaala'insi gabaa yeroo ammaa kana akka biyyaatti mul'atuufi akka addunyaattis mudataa jiru jiruu fi jireenya ilmaan namaa keessatti yaaddoo ta'aa dhufee jira .

info@orlb.gov.et 

